• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaatti jiraattonni sarbamiinsi mirgoota namoomaa jabaan waraana garboomfataa PP’n irratti jabaachuu dubbatu 

Oct 21, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Waraanni maal akka loluu fi eenyuun akka lolu hin beekne, akka horiitti ergama dabaa garee cubbamootaa garboomfataa PP irraa  fudhatee dachee Oromiyaa guutuutti sarbamiinsa mirgoota namoomaa ilmaan Oromoo irratti godhu jabeessee itti fufee jira

Haaluma kanaan torban lamaan darbee kaasee godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa ganda Aluutootti kaabinoonni fi waraanni faashistii PP uummata gandichaa irratti dararaa gurguddaa fi hidhaa geggeessaa jira.

Kaabinootni manneen hidhaatti namoota guuran maqaan isaanii:

  1. Kadir Qassoo, 
  2. Abbush Abbaatii, 
  3. Abbittii Jiloo, 
  4. Nageessoo Binoo fi

kanneen biroon waliin ta’uun namoota hedduu kan hidhan ogguu ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti  dhiirota 50 fi dubara 10 waliigalatti namoota 60 ganda tokkicharraa qabuun akka hidhan beekameera.

Kanamalees kaabinoonni maqaan isaanii Buttii Buttaa, Gammachuu Jaamboo fi lukkeeleen biroon waliin ta’uun jiraattota baay’inni isaanii 70 ta’e ganda Abbayyii Dannabbaa  irraa yoo qaban dhiirotni 40 fi dhalaan 30 keessatti akka argaman jiraattonni ONM’tti himan.

Kaayyoon murna bilxiginnaan maqaa caasaa haaraa gandoota baadiyyaatti ijaaruu jedhuun jiraattota gandoota baadiyyaa hidhaatti guuraa akka ta’es ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading