• Sun. Mar 15th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaa dargaggoota Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuun cimee itti fufe

Oct 21, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa15,2024 

Uummanni Oromoo sababa Oromummaa isaa qofaaf mirgi lubbuun jiraachuu isaa mulqamee biyya abbaa isaa irra jiraachuu dadhabuun, bara dhufaa darbaa mootummoota abbaa irree impaayera Itiyoophiyaan akka bineensa bosonaatti adamfamuun yakkoonni farra namoomaa garaa garaa irratti raawwatamaa jira. 

Haaluma kanaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessaa dargaggoota Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuun cimee itti fufuun jiraattotni yaaddoo keessa jiru.

Onkoloolessa 11, 2024 dargaggoon maqaan isaa Abdii Dafaa jedhamu handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessaa badii tokko malee humnoota tika PP’n ukkaamfamuun yeroo ammaa achi buuteen isaa dhabamee kan jiru ta’uu maddeen keenya magaalaa Finfinnee irraa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Maddeen itti dabaluun, dargaggoo Abdiin dhalataa Lixa Oromiyaa ta’uu himuun, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaa hojjechuun kan jiraatu ta’uu dubbatu.

Yeroo ammaa kana akka magaalaa Finfinnee fi naannawwaa isheetti karoora bilxiginnaan qabatee jiru keessaa inni hangafaa, “Seelii WBO” dhabamsiisuu maqaa jedhuun dargaggootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun adamsanii tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhachuu murtee jedhu murteessanii jiraachuu icciitiin keessoo bilxiginnaatii ba’e ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading