• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baalee Aanaa Sinaanaatti ergamtoonni maafiyaa PP maanguddoo ganna saddeettamaa olii tokko reebicha hamaa irraan ga’uun, hidhaatti darbachuun himame

Oct 21, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Kabaja namummaa fi safuu hawaasaa kan hin beekne ergamtoonni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin uummata nagaa irratti reebicha, ajjeechaa, hidhaa fi saamicha garaa garaa raawwachuu itti fufanii jiru.

Onkoloolessa 10, 2024 waraanni nama nyaataan bilxiginnaa maanguddoo ganna saddettamaa (80) olii kan ta’e nama maqaan isaa Haajii Umar jedhamu, jiraataa godina Baalee aanaa Sinaanaa ganda qotee bulaa Hisuu bakka addaa Haayiqoo jedhamuu kan ta’e fira dubbisuuf gara Magaalaa Roobee yeroo deemaa jirutti, bakka inni deemaa jiru haaraa itti ta’uu irraa kan ka’e wallaaluun osoo inni rakkataa jiruu ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee maanguddoo kana daandii irraa qabuun marartoo tokko malee reebicha hamaa irraan ga’uun mataa isaa Uleedhaan baqaqsanii yaala tokkollee osoo hin argatin waajjira poolisii aanaa Sinaanaa ganda 04 geessuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, maanguddoon kun siyaasa kam keessaayyuu nama qooda hin qabnee fi qaama miidhamaa iji isaa illee sirnaan kan hin ilaalle ta’uu himuun, badii tokko malee sababa inni baadiyyaa irraa gara magaalaa dhaqeef qofa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun hidhaatti darbatanii jiraachuu dubbatu.

Murni bilxiginnaa maanguddootaaf illee kabaja dhabuun guyyaa saafaa waaroo salphinaa itti uwwisuun nama kabaja qabu kabajaa  irraa mulquun reebicha irratti raawwataniin cinaatti jechoota hin barbaachifne ittiin jechuun salphisaa kan turan yoo ta’u, of agarsiisaaf garuu guyyaa ayyaanni ga’u maanguddoota tajaajille jechuun Finfinneetti suuraa waliin yeroo ka’an ni mul’atu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading