• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa-Sibuu keessatti waraanni Koloneel Abiy Ahimed manneen jiraattotaa gubuu fi saamuu cimsee itti fufe

Oct 21, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Jireenya dhala namaaf manni bu’uura jireenyaa isa hangafaa yoo ta’u, ilmi namaa mana malee, mannis ilma namaa malee jiraachuu kan hin dandeenye ta’uun ni beekama.

Faallaa kanaa ammoo, yeroo ammaa kana ergamtoonni bilxiginnaa golee Oromiyaa cufa keessatti maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun manneen jiraattotaa gubuu hammeessanii kan jiran ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan, guyyaa kaleessaa jechuun, Onkoloolessa 13, 2024 Lukkeeleen bilxiginnaa kunneen aanaa Lataa Sibuu ganda Innimaayii Somboo jedhamu Keessaa nama maqaan isaa Obbo Ittaanaa Carraaqaa jedhamu jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaa qabeenya hunda waliin guutummaan guutuutti ibiddaan barbadeessuun, loon isaa  dallaa guutuu ammoo ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti, namni kun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu fi waraanni goolessaan sirnichaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhu itti maxxansuun gocha dabaa kana irratti raawwachuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading