ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Bara aangoo isaa dheereffachuuf jecha afaaniin nagaa labsaa uummata nagaa ba’uuf galuu kan dhorkatu murni nama nyaataan PP, golee Oromiyaa cufa keessatti ergamtoota isaa bobbaasuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti hidhaa fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Onkoloolessa 7, 2024 waraanni goolessaan sirnichaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaas jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Ibiraahim Abdallaa,
- Mohaammad Silaa,
- Caalaa Shanoo fi
- Shaddoo Shanoo kanneen jedhaman badii tokko malee mana isaaniitii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu saamichaan ammoo, aanaadhuma kana ganda Meettaa jedhamu irraa Onkoloolessa 8, 2024 waraanni sirna nama nyaataa kun namoota maqaan isaanii:
- Imaanaa Tarfaa jalaa qarshii kuma digdamaa fi damma tilmaamaan kiiloogiraama kudhan ta’u yoo saaman,
- Cannaa Beekumaa nama jedhamu jalaas qarshii kuma kudhan (10,000) saamanii deemuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.
Jiraattonni kunneen yakka dalaganiif osoo hin taane, badii tokko malee sababa ‘Oromummaa’ isaanii qofaaf miidhaan kun akka irratti raawwatames ibsameera.
Godinichuma aanaa Billoo Boshee ganda Caffee Konchii jedhamu keessaa Onkoloolessa 12, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Galaanaa Bushaa,
- Shuumaa Badhaasaa,
- Malkaamuu Abbabaa,
- Shuumaa Giddiisaa,
- Naasir Huseen,
- Baatiree Ayyaanaa,
- Cimdeessaa Guutuu,
- Jamaal Alqaadir,
- Misgaanuu Irranaa,
- Jaallataa Toleeraa jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennitu” jechuun waajjira poolisii aanaa Billoo Bosheetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataan, godinuma kana aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo Caalchis jedhamu irraa guyyuma kana Onkoloolessa 12, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Aadde Chuuchee Tamasgeen haadha daa’ima lamaa,
- Aadde Ataatuu Mirreessaa haadha daa’ima lamaa akkasumas,
- Aadde Baaccuu Likkaasaa haadha daa’ima afurii “ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun waraanni sirnichaa mana jireenyaa isaaniitii qabuun onichatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen keenya eeranii jiru.


