• Fri. Mar 13th, 2026

Namoonni nagaan 24 Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaa keessaa hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin ukkaamfaman

Oct 22, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Sarbamiinsi mirgoota namoomaa irra deddeebiin ergamtoota murna bilxiginnaan keessatti geggeeffamaa kan jiru godinni Walloo aanaan Daawaa Caffaa isa tokko yoo ta’u, yeroo ammaas haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu jabeessanii itti fufaniiru. 

Dilbata Onkoloolessa 13, 2024 aanaa Daawaa Caffaa ganda Goodaa keessatti milishoonni sirnichaa fi waraanni weerartuu PP waliin ta’uun namoota nagaa hedduu reebuun ukkaamsaniiru.

Namoonni Onkoloolessa 11, 2024 ganda Goodaa keessaa ukkaamfaman kunneenis maqaan isaanii:

  1. Siraaj Maammadee,
  2. Indiris Jamaal,
  3. Mahaammad Seyid Hasan,
  4. Aliyyii Adam,
  5. Ahimed Indiris,
  6. Awwal Indiris,
  7. Maarifaa Sayid,
  8. Umar Hasan,
  9. Aliyyii Adam,
  10. Abdulsalaam Mahaammad,
  11. Mahaammad Awwal Ahimed,
  12. Mahaammad Ahimed Aliyyii,
  13. Jamaal Mahaammad,
  14. Seyid Ahimed Mahaammad, 
  15. Indiris Ahimed Awwal, 
  16. Ahimed Aliyyii,
  17. Sayid Xoyib,
  18. Indiris Sayid,
  19. Awwal Mahammad Bashiir,
  20. Abduu Nuuraa,
  21. Umar Huseen Mindoo,
  22. Jamaal Nuuraa Huseen,
  23. Amoo Mahammad Aliyyii fi,
  24. Aanshaa Aliyyii kanneen jedhaman ta’uu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Namoonni ergamtoota maafiyaa PP’n ukkaamfaman kun qonnaan bultoota yoo ta’an, maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun sobaan yakkamanii hawaasa nagaa afaan qawween ukkaamsanii reebaa konkolaataa keessa buusuun bakki isaan geessan hin baramin jiraachuu maddeen keenya aanaa Daawaa Caffaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading