• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii keessatti hidhaan namoota nagaa irratti hidhattoota PP’n jabaate

Oct 23, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Gareen faashistii PP maqaaf biyya bulchaa jirra ofiin jedhu, qe’ee uummata nagaatti salphina uwwisee nageenya dhoowwachuun guyyuu Oromiyaa bakka hidhaan, saamichi, gubaatiin manneenii fi ajjeechaan akka aadaatti keessatti geggeeffamu taasisaa jiru.

Haaluma kanaan Onkoloolessa 18, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Hombaa jedhamu keessatti hidhattootni sirnichaa manneen hawaasaa irra deemuun maqaa sakattaa jedhuun dargaggoota mana hidhaatti jumlaan guuranii jiru.

Isaan keessaa kanneen maqaa isaanii arganne:

  1. Mangistee Maammushee,
  2. Mangistee Tolasaa,
  3. Alamuu Abaatuu,
  4. Mayraa Warquu,
  5. Tokofataa Alamuu,
  6. Jamaanaa Alamuu,
  7. Shuraa Abbuushee,
  8. Geetuu Hiiknaa,
  9. Abbaatuu Maheraa,
  10. Toliyaa Abdallaa fi 
  11. Nugusee kan jedhamaniidha.

Aanaa kana keessatti uummanni rakkoo ulfaataa keessa galee kan jiru yoo ta’u, akka dargaggoonni gara sana irraa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf yaada isaanii kennanitti abbootii hedduun miidhamaa akka jiranii fi gara bakkeewwan hedduutti godaanaa jiraachuuu himuun, kanneen qabeenya ittiin bakka jijjiirratan hin qabne ammoo dabaree hidhaa fi  du’aa eeggachaa akka jiranis dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading