• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Oct 23, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruun ji’oota hedduuf hidhee dararuu fi maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dha’uun saamicha jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Gibee Boosoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun:

  1. Abbaa Jihaad Abbaa Foggii irraa qarshii 7,000,
  2. Hasan Abbaa Maccaa irraa qarshii 7,000,
  3. Abbaa Tamaam Abbaa Simal irraa qarshii 7,000,
  4. Jabal Abbaa Tamaam irraa qarshii 50,000 saamuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi maallaqa kana dhuunfaan kan horatan yoo  ta’u, ergamtootni bilxiginnaan garuu maallaqa namoota dhuunfaa kana irratti  saamicha ulfaataa  raawwachuun yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading