• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabii keessatti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufe

Oct 23, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024 

Murni aantummaa fi quuqama uummataan qaba jechuun uummata goyyomsaa jiru bilxiginnaan umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana isaa bobbaasuun, hawaasa nagaa irratti yakkoota garaa garaa raawwatan cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabii keessatti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufee jiraachuun himame.

Aanaa Laaloo Assaabii ganda Ordaa Daallattii jedhamu keessaa Onkolooleessa 13, 2024 dargaggoota  lama kanneen maqaan isaanii Yaadataa Eebbisaa fi Argataa Mulgeetaa jedhaman loltoonni sirnichaa ganama toora sa’a 3:00’tti naannoo mana  jireenyaa isaanii deemuun badii tokko malee reebicha ulfaataa erga irraan ga’anii booda mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraataan gandichaa sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himee jira.

Dargaggoonni kunneen hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi sababa sobaa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun badii tokko malee hidhamanii jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading