ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n sirna gabroomsaa Oromoorraa hundeen buqqisee Oromiyaa walaboomte ijaaruuf tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti jabeessee itti fufeera.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa ganda Yaatuu bakka addaa Arja’oo jedhamtutti guyyaa har’aa Onkoloolessa 16, 2024 waaree booda sa’atii 7:00 irraa eegaluun lola jajjabduu humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa ergamtoota murna bilxiginnaa waliin taasiseen loltoota faashistii PP irraa 10 battalatti ajjeesuun 16 ammoo madoo dandammii hin qabneen geggeesseera.
Tarkaanfii jajjabeen Zoonii Kaabaa humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa waraana weerartuu Abiy Ahimed irratti fudhatu ittuma fufuun, guyyama har’aa Onkoloolessa 16 aanuma Jiille Dhummuuggaa iddoo addaa Mataa Horaa jedhamutti waaree booda sa’atii 5:00 qabee tarkaanfii waraana gabroomfattuu Bilxiginnaa irratti taasiseen loltoota maafiyaa PP garaa ishee qofaaf fiigdu hedduu ishee du’aa fi madoon adabuun of booda deebiseera.
Haleellaa jabaa warqiileen Zoonii Kaabaa humni Furgaatuun Biiftuu Barii Bilisummaa ergamtoota Koloneel Abiy Ahimed du’aa fi madoon adabee kan hafte faffaca’uun of booda deebise kanaanis, loltootni sirnichaa kun qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun manneen uummataa ganda 2 Yaatuu fi Dhaddacha jedhamu gubanii barbadeessaa turuun ibsameera.
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni Bilisoomti ❗️
Impaayerri bututtuun afaan ni kufti ❗️
Injifannoon Uummata Oromoof❗❗❗
