ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon Jimaata kaleessaa Rigaatii Gaachaaguwaa aangoorraa kaafamuu hordofuun Ministira Biyya Keessaa Kituuree Kiindiikii itti aanaa pirezidaantii haaraa ta’uuf kaadhimaniiru.
Beeksisa kana af-yaa’ii mana maree biyyaalessaa Mooses Weetaangulaan paarlaamaaf kan dabarsan yoo ta’u, adeemsa waajjira olaanaa biyyattii sadarkaa lammaffaa guutuuf jalqabame.
Wetangulaan kaadhimamaa kana seera baastootatti kan beeksise yoo ta’u, falmii paarlaamaa fi guyyoota itti aanan keessatti mirkaneessa Kindiki irratti sagalee kennuudhaaf karaa saaqe.
“Kaleessa ganama, waajjira itti aanaa pirezidaantii Rippabiliika Keeniyaa keessatti bakka duwwaa uumame guutuuf Piroofeesar Kituuree Kindikiin kaadhimamuu isaanii ilaalchisee ergaan pirezidaanticha irraa naaf dhufe,” jedhan Weetangulaan.
Kaadhimamaan Kindiki kan dhiyaate Gaachaguwaan sagalee seena qabeessa Seenetii kennameen aangoo irraa erga kaafamee sa’aatii muraasa booda yoo ta’u, malaammaltummaa, aangoo seeraan ala fayyadamuu fi qoqqoodinsa sabaa kakaasuun yakkamaa ta’uun isaa mirkanaa’eera.
Michuu dhiyoo Ruutoo kan ta’an Kindikiin ministeera biyya keessaa ta’uun kan tajaajilaa turan yoo ta’u, Gachaaguwaan aangoorraa ari’amuu isaanii hordofuun bulchiinsa kanaaf tasgabbii ni fida jedhamee eegama jechuun BBC’n gabaaseera.



