ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Bilxiginnaan labsii haala yeroo irratti maqaa caasaa gandaa deebisnee ijaaruu jedhuun kaabinoota ijaaruuf jecha maatii hedduu irratti hiraarfama hammaataa taasisaa jiraachuun dhagaa’ame.
Muddama hammaataa Oromiyaa keessatti qaamolee Bilxiginnaa mudatee jiruun kasaaraa dinagdee fi siyaasaan kan kufe sirni maafi’aa PP dhaaba isaanii bayyannachiisuuf jecha hokkorri adda addaa isaan mudachaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, yeroo ammaas godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti hidhaan wal hiraarsuun jabaateera.
Bifuma kanaanis namoota ogummaa garaa garaa baratanii hojii ogummaa isaaniitiin seekterota garaagaraa irraa hojjetan bulchitoota gandaa ta’uu qabdu jechuun lukkeeleen bilxiginnaa ofuma isaaniitiin mudama dirqamaa itti kennaa jiru. Sababa hojii dirqamaa kanaanis namoonni hedduunis hojii isaanii kana jibbuun qabamanii hidhaan hiraarfamaa jiraachuu hojjettotni dubbatu.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeelitti namoonni ramaddii ijaarsa gandaa haaraa mormuun hidhaman danuu ogguu ta’an, kanneen keessaa kan maqaa isaanii arganne muraasni Amanuu Waaqjiraa Waajjira Carraa hojii uumuu fi ogummaa irraa yoo qabamu, Addunyaa Ayyaanaa ammoo Waajjira Qonnaa irraa hidhamuun ifoomeera.

