ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa keessa socho’u waraana maafiyaa Abiy Ahimed konkolaataan magaalaa Qarsaa irraa gara magaalaa Laaqichaatti dheengadda Onkoloolessa 17, 2024 deemaa turte haxxee itti hidhuun 8 ajjeesuun 5 madoo yoo taasisu mi’oota waraanaa hedduu irraa dhuunfachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Lola guyyaa kaleessaa galgala sa’atii 12:00 keessa taasiseenis humna dabalataa dhufte irraa loltoota 4 battalumatti yoo ajjeesu 4 madoo fuudhanii baajaajiin osoo hospitaala geessuuf fiigaa jiranii adabamuun baramee jira.
Lola guyyaa dheengaddaa Lixa Shaggar aanaa Jalduu bakka Kilbee jedhamtutti geggeeffameenis loltoota faashistii PP irraa qawwee AKM 32 irraa hiikuun barameera.










