ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024
Uummanni Oromoo yaaddoo nageenyaa cimaa keessa galuun qe’ee fi qabeenya isaanii irratti nagaan ba’anii galuu fi yaada isaanii karaa nagaa ibsachuu danqamuun waraana garboomfataa PP’n duulli duguuggaa sanyii gara jabinaan irratti taasifamaa jiraachuun ni beekama.
Onkoloolessa 18, 2024 halkan walakkaa Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Daandii Guudiitti jedhamu keessatti namni maqaan isaa Badhaasaa Abbabee jedhamu waraana faashistii PP’n yakka tokko malee rasaasaan waadamee ajjeefamuu jiraattonni bulchiinsa magaalaa Kolfee ONM’tti himan.
Jimaata halkan sa’a 2:00 booda godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa hidhattootni murna Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimed qaamolee nageenyaa Bilxiginnaa irratti haleellaa kan raawwachiisu si’i jechuun nama nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu jiraattonni kan himan yoo ta’u, uummanni gandichaa halkanii fi guyyaa sodaa waraana faashistii PP’n jireenya jibbanii akka jiranis ONM’f himaniiru.


