• Sat. Mar 14th, 2026

Waraanni faashistii PP Godina Gujii Lixaa Aanota garaa garaa keessatti yakka namoomaa raawwachuu itti fufe

Oct 24, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024 

Murni Bilxiginnaa waraana isaa aangoo isaa akka tiksaniif uummatatti bobbaaseen yakka namoomaa raawwachuu itti fufeera.

Haaluma kanaan waraanni faashistii PP kun Onkoloolessa 13, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Danbalaa Haraa keessatti namoota hedduu jalaa manneen gubuin, qabeenyaas saamanii jiru. 

Namootni manni jalaa gubachuun qabeenyaan jalaa saamame: 

  1. Siidaa Duubee mana 1 fi  boqqoloo ardaba 20 gubuun  re’ee 40 jalaa fudhatan
  2. Nugusee Dayyasoo manneen 4 lama qorqoroo ballee 90 fi lama citaa gubuun, boqqoloo ardaba 30 jalaa fudhatan,
  3. Gololchaa Siidaa mana 1 gubuun boqolloo ardaba 8 jalaa fudhatan,
  4. Jaarraa Badhaaso mana 1 jalaa guban,
  5. Diidoo Bulee mana 1 jalaa gubuun barbadeessaniiru.
  6. Godinuchumatti Onkoloolessa 14, 2024 aanaa Bulee Horaa ganda Carii Saphaliisaa keessattis waraanni faashistii PP manneen uummataa gubuun loon jalaa ooffatan.

Maqaan namoota manni jalaa gubatee fi loon jalaa fudhatame:

  1. Dhugoo Saafayii,
  2. Turee Roobee mana 1 jalaa gubuun, loon 3 jalaa fudhatan,
  3. Adoolaa Bokkoo mana 2,
  4. Galgaloo Tukkaa, 
  5. Dastaa Turee,
  6. Waaree Turee Qorqorro ballee 30 jalaa gubuun, loon 6 jalaa fudhatan,
  7. Dullacha Dhugoo,
  8. Elemaa Dhaarroo,
  9. Baleelaa Adoolaa,
  10. Jaarsoo Adoolaa,
  11. Goobanaa Alamaayyoo,
  12. Alamayyoo Gattaa mana 2 jalaa gubuun, boqolloo ardaba 12 jalaa fudhatan,
  13. Bokkoo Jiloo,
  14. Saamaro Nokkoo Boqolloo ardaba 5 jalaa fudhatan,
  15. Cacuu Jaldoo Xaafii fi boqolloo ardaba 25 jalaa fudhatan,
  16. Dambii Abbaa Lefaa Boqolloo ardaba 8 jalaa fudhatan,
  17. Amaaree Roobee loon 5 jalaa fudhatan,
  18. Gammadee Roobaa loon 15 kan jalaa fudhatan yoo ta’u, namootni manneen jalaa gubachuun, qabeenyaan jalaa fudhatame kunneen namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa tokkollee hin qabne ta’uun barameera.

Onkoloolessa 15, 2024 aanaa Galaanaa ganda  Carii Baddeessaa keessaa kanneen manneen jalaa gubachuun horiin isaanii fudhatame:

  1. Uturaa Koncorii Diidoo,
  2. Araarsoo Roobaa Nooree,
  3. Roobaa Jogga Halakee mana gubuun   loonii 20 fi re’ee 20 ol jalaa fudhatan,
  4. Damxee Ansiloo Nu’ee  mana qorqorroo ballee 60 jalaa guban,
  5. Bones Uturaa Bisowaa mana qorqorroo 60 jalaa guban,
  6. Abboomsaa Hoxxessaa jalaas mana gubuun barameera.

Loltootni faashistii kun yakka waraanaa fi farra namoomaa raawwachuun uummata jiilchanii teessuma Abiy Ahimed achitti jabeessuuf yoo hojjetan, miidiyaa irraa garuu uummata nyaachisaa fi mana irratti ijaaraa jirra jechuun yeroo miidiyaalee isaaniin kijiban argina.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading