• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti bilxiginnaan namoota hedduu leenjistee gara basaassummaatti bobbaasuun saaxilame

Oct 28, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti bilxiginnaan gama hundaan ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu karoorsaa kan ooluun kanneen impaayera jiguu geesse suphuu danda’an yeroo gara yerootti leenjisee bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachaa jira.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti bilxiginnaan namoota hedduu leenjisuun gara hojii basaassummaatti bobbaasuun saaxilamee jira.

Namoota umurii impaayera jiguu geesse tiksuuf jecha adda waraanaa Tigraayii fi Oromiyaa keessatti akka baala mukaa harca’anii gariin gartokkee qaama isaanii yoo dhaban, gariin ammoo lubbuu dhabanis, har’as warri of hin beekne  lammii irraa dhalatan gananii uummata miidhuu itti fufuun yeroo ammaa kana akka wal beekaniin dirree basaassummaatti wal affeeruun sabboontota ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni qaama gartokkee dirree waraanaatti dhabanii galan “biyyaaf wareegama kaffalle” jechuun kanneen fira qaban lafa bakka dhalootaa aanaalee fi magaalota Oromiyaa irraa basaasummaaf bobba’anii bakka sadii lafa fudhachuun warreen kaan immoo faayidaa dhuunfaa argatanii saba kana miidhuuf basaasummaaf baay’inaan magaalaa Jimmaatti bobbaa’anii kan jiran ta’uu himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading