ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa maqaa “bareedina magaalaa” jedhuun magaalota Oromiyaa hunda irraa manneen ilmaan Oromoo sababa tokko malee diiguun dararaa hamaa raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa magaalaa Aggaaroo keessaa sababa manni ishee ergamtoota bilxiginnaan jalaa diigameef dubartiin tokko of wallaaltee jiraachuun himamee jira.
Jiraattuu godina Jimmaa magaalaa Aggaaroo kan taate dubartiin maqaan ishee Fadiilaa jedhamtu sababa manni ishee jalaa diigameef of wallaaluun torbee lamaaf osoo of hin beekin hospitaala Aggaarootti yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni naannoo ishee jedhanitti “mana kana kan isheen ijaarratte dhaala abbaa manaa isheen lafa sana kan fudhatte yoo ta’u, nuti immoo maallaqa hamma dandeenyu walitti buufnee gargaarree ijaarreefi” jechuun rakkoo keessa dabartee da’oo argachuu ishee dubbachuun, murni gama hundaan hawaasa dararaa jiru rakkoo isheen gama jireenyaan qabdu irratti kan biraa waan dabaleef yeroo ammaa kana erga guyyaa sanaatii jechuun torbee lamaa oliif osoo of hin beekin Hospitaala Aggaarootti yaalamaa jiraachuu ishee ibsaniiru.


