• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo keessatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun akkaan jabaatee itti fufee jiraachuun himame

Oct 28, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Mirga lubbuun jiraachuu saba Oromoo irraa mulqee afaan qawweetiin hacuucee garbummaa jalatti bulchuu kan barbaadu, murni nama nyaataan PP sababa sobaa itti maxxansuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi saamuu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun akkaan jabaatee itti fufee waan jiruu hawaasni yoom hidhamnaa fi maatiin hidhamtootaa ammoo maal ta’innaa yaadda’aa jiraachuu  himan.

Onkoloolessa 19, 2024 waraanni faashistii PP aanaa Sayyoo ganda Miinkoo bakka addaa Boonbaa jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Ibraahim Abduu,
  2. Ibraahim Sheek Huseen fi
  3. Aadde Madiinaa Cawwaaqaa kanneen jedhaman maqaa “Waraanaa Bilisummaa Oromoo gargaartu’ jedhuun mana hidhaatti darbatanii dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni ONM dubbise himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan qabne ta’uu himuun, waraanni sirnichaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaafaman kunneen, badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhanii dararaa jiraachuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading