ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024
Dargaggoonni Oromoo humna biyyaa fi utubaa qabsoo uummata Oromoo ta’anii adda isaanii qabsoo saba bal’aa bilisummaa Oromoof taasifamuuf kan laatan deebiin warraaqsa isaanii hanga har’aatti ajjeefamuu ta’ee jira.
Jabinni fi cichoominni dargaggoota Oromoo eenyu jalaa kan hin dhokanne ogguu ta’u, irree fi jabina isaanii kan hin feene garboomfataan kalee har’as ajjeechaa jabeessuun akkuma murnoota impaayera Itiyoophiyaa bulchanii darbanitti yeroo ammaas ajjeefamuu, qaamni isaanii elektiriikaan gubachaa fi manneen hidhaatti darbatamuun reebichi akkuma irratti raawwatetti jira.
Onkoloolessa 20, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Jirmaa jedhamutti waraanni bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa halkan walakkeessa Dilbatatti bari’u gandichatti seenuun guyyaa guutuu bosona keessa dhokatee maatii qe’ee isaanii irra nagaan ta’aa jiran biraa dargaggeessa tokko gara laafina tokko malee guyyaa sa’a 6:00’tti ajjeesuun beekameera.
Dargaggeessi ajjeefame kunis maqaan isaa Cammir Jaarraa Kan Jedhamu nama ganna 30 ogguu ta’u tuttuqaa siyaasaa irraa bilisa kan ta’ee fi Oromummaa qofaan yakkuun akka ajjeesan jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Kana malees ergamtootni Abiy Ahimed namoota hedduu qabuun bulchiinsa magaalaa Qilxuu-Kaarraatti geessanii akka hidhan beekameera.

