ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2023
Gochi abbaa irrummaa sirna bulchiinsa Bilxiginnaa keessatti dagaaguun uummata bulchan dhageeffachuurra humnaan cafaqanii bulchuu, hidhuu fi ajjeesuu filannoo isaa jalqabaa godhatee jira.
Onkolooleessa 19, 2024 halkan sirni nama nyaataan impaayerattii harkaa qabu aanaa Jajuu ganda Habulee jedhamutti waraana hawaasichatti bobbaasuun mana namootaa irra adeemanii reebuun qeerroo maqaan isaa Sayidaa Mahaammad Huseen jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.
Namoonnii sagalee rasaasa dhuka’uu dhaga’anii hirriba keessaa wareeruun waan isaa baruuf mana keessaa gadi baanaan rasaasa irratti dhukaasuun reebicha hamaa irraan kan ga’an yoo ta’u, reeffa mucaa ajjeefamees dhoksuun gara hallayyaatti geessanii gatuu dubbataniiru.
Namoota reeffa mucaa ajjeefamee barbaacha hallayyaa keessa deemaa turanis qabuun maallaqa kaffalchisanii gadi dhiisaa turuus maddeen ibsaniiru.
Onkoloolessa 20, 2024 hawaasni qeerroo ajjeefamee hallayyaatti darbatame kana reeffa isaa barbaadee argachuun sirna awwaalchaa gegeessuun, sirna awwaalchaa sana irratti wal ga’anii ergaa jajjabinaa walii dabarsuun maatiis jajjabeessanii jiru.
Kaabinoonni uummata awwaalchaaf wal ga’e sanaan sichi kan biraayyuu ajjeefna jechuun itti dhaadachaa turuus jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


