ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024
Gareen uummata nagaa gidirsuuf wal-gurmeessee jiru bilxigginaan, maqaa addaa addaa dahoo godhachuun hidhaa fi saamicha qindaa’aa qabeenya uummata hiyyeeyyii qaala’iinsa jireenyaan dararamaa jiru irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Onkolooleessa 18, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa irraa jiraataa ganda Warra Jaarsaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Hirphoo Bulbulaa jedhamu abbaa maatii 8 murni faashistii PP maqaa WBO deggarta jedhuun ji’a shan guutuu mana hidhaatti dararaa turuun amma immoo qarshii 24,000 fiddan malee isiniif hin baafnu jechuun maatii isaa doorsisaa jiraachuu jiraatotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kanumaan walqabatee godinuma Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessattis torbanuma kana keessa dirqamaan hawaasa walitti qabuun mana manatti galii gibiraa qarshii kuma shan shan kaffaluu qabdu jechuun uummata doorsisaa akka jiran jiraattonni dabaluun addeessaniiru.


