• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaatti saamichaa fi gubaatiin manneenii loltoota sirnichaan yoo raawwatamu, Aanaa Waamaa Hagalootti ammoo milishaan PP tokko rasaasaan of rukutee of ajjeesuun dhagaa’ame

Oct 29, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2023 

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa ibiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaa impaayerattii, balleessaa tokko malee ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira. 

Aanaa Sibuu Siree ganda Baaroo Xixxiixaa jedhamu irraa Onkoloolessa 19, 2024 ergamtoonni bilxiginnaa nama maqaan ishee Aadde Taarikee Namoomsaa jedhamtu jalaa mana yoo guban, nama maqaan isaa Obbo Tamasgeen Abbalaa jedhamu jalaa ammoo lukkuu 4 fudhatanii isa ammoo reebicha hamaa irraan gahanii deemuun beekameera.

Jiraattonni kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne yoo ta’an, badii tokko malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun gochoota kana irratti raawwachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Gareen faashistii kun dararaa isaanii ittuma fufuun aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa irraa Onkoloolessa 14, 2024 waraanni faashistii PP nama maqaan isaa Obbo Ammiyyee Ibiroo jedhamu irratti badii tokko malee reebicha hamaa ta’e raawwachuun, nama maqaan isaa Suufii Ibraahim jedhamu immoo mana isaa dhiitanii banuun meeshaalee mana keessaa inni qabu isaan kaan caccabsuun kaan immoo saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Aanaa Waamaa Hagaloo ganda Kossaanii Baabboo bakka addaa Algee jedhamu kan jiraatu milishaan maqaan isaa Obbo Darajjee Taaddasaa jedhamu ammoo dirqamaan ukkaamfamuun turtii yeroo gabaabaa erga leenji’ee booda gara ittii goru dhabuun Onkoloolessa 19, 2024 magaalaa Qassoo ganda 01 keessatti qawwee ittiin dhiiga uummata Oromoo dhangalaasaa ture ofitti naanneessuun of ajjeesee jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading