• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti uummata nagaa ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

Oct 29, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024 

Impaayera dulloomtuu Itiyoophiyaa suphuuf jecha uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irratti kan dararu murni bilxiginnaa, yeroo ammaa kana kufaatii hamaa isa mudatee jiru irraa damdamachuuf akkuma sirna mootummoota darbanii hawaasa nagaa dirqamaan gara adda waraanaatti guuruu itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree keessatti uummata nagaa ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun ibsameera. 

Onkoloolessa 18, 2024 waraanni goolessaan sirnichaa, aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Gooban jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Yoonaas Bungulii 
  2. Garramaa Dinqisiisaa jedhamanii fi kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramne hedduu ta’an dirqamaan qabuun gara leenjii waraanaatti erganii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti bilxiginnaan uummata nagaa saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin dirqamaan qabuun gara leenjii waraanaatti guuraa jirachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading