• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtoota murna bilxiginnaan sarbamiinsi mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiru jabaachuun yaaddoo jabaa jiraattotatti uume

Oct 29, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024 

Tibba kana akkuma godina Wallootti lukkeeleen bilxiginnaa tooftaa ittiin hawaasa nagaa dararan baafatanii hojiitti kan jiran yoo ta’u, tooftaa isaanii  kanaanis yoo waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii nurratti fudhate nuti ammoo maatii qabsaa’otaa ajjeefna, ni hiina, qabeenyaa isaanii saamna, ni barbadeessinaa fi qe’ee irraa buqqifna maqaa jedhuun dabballoota, waraanaa fi milishoota isaanii magaalaa fi baadiyyaa godina Walloo cufa keessatti bobbaasuun dararaa raawwachaa jiraachuun ibsameera. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo keessatti Onkoloolessa 1,2024 irraa eegaluun hanga Onkoloolessa 22, 2024 kanatti ergamaa bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Adam Wadaddar jedhamu milishootaa fi waraana faashistii PP waliin ta’uun dhiittaa mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatee raawwachiisaa jiraachuu jiraattotni miira aariin ONM’tti himaniiru.

Nama maqaan isaa Badruu Amiinuu Sayidee jedhamu kan mana nyaataa fi shaayee banachuun ilmaan isaa ittiin jiraachifachuu fi jireenya isaa fooyyeffachuuf carraaqqachaa jiru, ergamaan murna bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu kun milishoota qabachuun mana nyaataa fi shaayee isaa kanatti itti dhaqee liqiidha guyyaa biraa siif kaffalla jechuun qarshii 30,000’n irraa nyaatanii osoo hin kaffaliniif yeroo deemanitti, Badruun maallaqa koo 30,000 naaf laadhaa? qarshii dhabeen mana nyaataa koo cufe,  homaa of harkaa hin qabu tanumaanin ilmaan koo jiraachisaa jira jedhee yeroo itti himatutti, inumaa qarshii sirraa nyaannee darbine deebitee nu gaafattaa? ittiin jechuun reebicha ulfaataa  uleedhaan caccabsuun du’aa fi jireenya gidduutti hambisuun yaala tokko malee hidhee magaalaa Qiciicootti dararaa akka jiru ibsameera. 

Dabalataanis lukkeen PP Adam Wadaddar jedhamu safuu fi safeeffannaa hawaasaa cabsuun  magaalaama Qiciicoo keessatti shamarran lama  rakkoo nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii ibsuu hin barbaanne deggartoota WBO’ti jechuun huccuu irraa baasee gabaa walakkaatti uleedhaan cafaqaa viidiyoo waraabuu fi suuraa kaasuun gochoota cigaasisoo fi rifaasisoo argaa fi dhageettiitti hin tolle namoota nagaa irratti raawwachaa kan jiru ta’uu jiraattotni hadheeffatanii kan dubbatan yoo ta’u, torbee darbes haadha manaa qabsaa’aa bilisummaa Oromoo huccuu irraa baasee gochoota jibbisiisoo irratti raawwachaa turuu isaa isaniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading