• Wed. Mar 18th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti ergamtoonni PP Uummata Oromoo irratti hidhattoota Uummattoota Kibba Itiyoophiyaa bobbaasanii duula qindaa’aa duguuggaa sanyii labsuun barameera 

Oct 30, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024 

Dachee irratti dhalatee guddachuun jiruu fi jireenya isaa irratti geggeeffachaa guddate irratti har’a murna Bilxiginnaa biratti uummanni Oromoo kabaja dhabuun, daangaan isaas sarbamee yeroo irraa gara yerootti qe’een isaa saamichaa fi ajjeechaa waraana Bilxiginnaan irratti raawwatuun cinaatti uummattoota naannoolee Oromiyaa  marsanii jiraniinis irratti geggeeffamaa jira.

Tuffii jabaa fi salphina takkaa argee hin beekne keessummeessaa kan jiru sabni Oromoo guyyuu gochoota qorqalbii hawaasichaa jeeqanii fi godaansaaf isaan saaxilu gareen maafiyaa fi deggertoota isaan irratti raawwachaa oola.

Bifuma kanaan bulchaa aanaa Dugdaa kan ta’e nama maqaan isaa Gurraachoo jedhamu uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti jibbuun “Seelii WBO’ti lafarraa duguugaa” jechuun hidhattoota Uummattoota Kibbaa Saba Guraagee ta’an kanneen aanicha keessa jiraatanii fi daangaa ce’anii dhufan bobbaasuun Onkoloolessa 21, 2024 uummata Oromoo gandoota kanneen akka:

  1. Guusaa Dongorootaa,
  2. Bayimoo Guusaa,
  3. Hafaa Qamalee fi 
  4. Koyyee Jajjabaa jedhaman keessa 

jiraatan irratti hidhattoota baay’inni isaanii kuma sadii ol (3000) ta’an guyyaa tokkotti gandoota kanneen akka: 

  • Bixxisii, 
  • Kurree, 
  • Eelaa Garba-Daalachaa fi 
  • Sutii jedhaman irraa bobbaasuun ajjeechaa, saamicha, gubaatii manaa fi yakkoota gara jabinaa garaa garaa raawwachiisaa kan turan ta’uun beekameera.

Miidhaa dhaqqabeef hanga ammattillee gama murna bilxiginnaan waanti jedhame tokkollee kan hin jirre ta’uu fi yeroo ammaa kanas uummanni birmannaa dhabuun yaaddoo guddaa keessa jiraachuu jiraattonni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalataan, namni maqaan isaa Baashaa jedhamu ajajaa waraana PP ganda Eelaa Garba-Daalachaa kan ta’e kuusaa meeshaa bilxiginnaa cabsuun sobee “WBO’tu hiikkate” jechuun hidhattoota kanneenitti gurgurachaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading