ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraanni goolessituu PP sababoota garaa garaa wabeefachuun ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu” jedhuun akka bineensa bosonaatti adamsee ajjeesuu, hidhuu, saamuun dararaa jira.
Godina Buunnoo Beddellee aanaalee adda addaa irraa jiraattonni akka gara magaalaa hin deemne dhorkamaa jiraachuun ibsameera
Jiraattonni aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Barakaa irraa akka gara magaalaa Cawwaaqaa hin dhaqne dhorkamanii kan jiran yoo ta’u, aanaa Daaboo Haannaa jalaa immoo gandi Gumbii fi Ifa Baas Cooree jedhaman akka magaalaa Tuulamaa hin dhaqne dhorkamanii jiraachuun hawaasni fayyadamiinsa irratti dararaa argaa jira.
Sababa isaa beekuu baatanis, bakkeewwan armaan olitti eeraman kun bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo keessa shocho’u waan ta’eef magaalaa irraa ugguramuu fi namoonni gara magaalaa deeman immoo qabamanii hidhaatti darbatamaa kan jiran yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa waliin oolee bulu addaan kutuun diinummaa fi jibbiinsa ulfaataa uumaa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himanii jiru.
Kana malees, aanaa Cawwaaqaa araddaa Biiftuu Ayyaanaa irraa qarshii dhibba torba torba maqaa “ijaarsa waajjiraa” jedhuun saamaa jiru. Akkasumas, maqaa harka qalleeyyii deggeruu” jedhuun hawaasa saamanii harka lafa jalaan dhalattoota Amaaraaf mana ijaaraa jiraachuu jiraattonni araddichaa addeessaniiru.


