• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal-Qixxee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata gandaan adda qoqqoodaa jiraachuun himame

Oct 30, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024 

Tokkummaa uummata Oromoo kan hin feene ergamtootni murna Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa hawaasni wal keessa akka hin deemne hawaasa Oromoo godinaa hanga gandaatti addaan qoqqooduun hariiroo dhiigummaa isaa dhaabuun walitti diinomsaa jiraachuu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun kan yaadatamu yoo ta’u, yeroo ammaa kana ammoo hawaasni godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee akka wal keessa hin deemne gandaan adda qoqqoodaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, “uummanni aanaa kanaa ganda tokkoo gara ganda kan biroo deemuun hin barbaachisu” jechuun uummata walga’ii baasanii namni ajaja isaanii cabsee argame rasaasaan akka rukutamee du’uuf waltajjiin akeekkachisan.

Uummata dhiigaa fi hiree tokko qabu gargar baasuun jireenya hawaasummaaf walitti deemuu hanqatanii uummanni rakkoo hamaa keessa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbatu.

Jiraattonni aanaalee kanneen akka Ada’aa Bargaa, Meettaa Wal-qixxee fi aanoota godinichaa hunda irraa wayita gabaa daldalachuuf gara magaalaa Holotaa deeman “isin Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun gaaffii tokko malee guyyaa gara guyyaatti ukkaamfamuun magaalicha keessatti hidhamaa jiraachuu jiraattotni kun itti dabaluun eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading