ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2024
Sirna garboomfataa iddaan buqqisee Oromoo bilisoomee fi Oromiyaa walaboomte ijaaruuf tarkaanfii leellistoota sirna nafxenyaa fi ergamtoota Abiy Ahimed waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhatuun cinaatti jaarmiyaan ABO-WBO miseensota haarawaa leenjisee eebbisiisuu itti fufee jira.
Onkoloolessa 23, 2024 ABO-WBO’n mooraa Zoonii Lixaatti kaadhimamtoota Waraana Bilisummaa Oromoo simatee leenjii waraanummaa fi siyaasaa yeroo dheeraaf kennaafii ture xumursiisuun eebbisiisee jira.
Ilmaan Oromoo roorroo diduun saba isaaniif falmatanii aarsaa barbaachisu kaffaluuf dhufan kanaaf sagantaa siyaasaa, heeraa, seerota, barruu naamusaa fi warraaqsa irratti barnootni caayaan yoo kennamuuf, saayinsiin waraanaa fi ga’umsi qaamaa dirree irraa shaakalaan kennameeraaf.
Eebba kana irratti qondaaltotni waraanaa Zoonii Lixaa argamuun haasaa eebbifamtoota Waraana Bilisummaa Oromoo kanaaf kan taasisan yoo ta’u, eebbifamtootaanis qabsoon nuti itti jirru Oromiyaa gadi dhaabuu fi Itiyoophiyummaa jigsuu waan ta’eef diina irraas ta’e fira irraa gufuun cimaan waan nu mudatuuf jabaattanii Oromiyaa abjuu gootota kalee fi abdii miliyoonotaa ijaaruuf of qusannoo tokko malee akka dirqama keessan ba’attan jechuun ergaa dabarsaniiruuf.
Zoonicha dabalatee bakka cufatti ilmaan Oromoo leenjisuun akka itti fufu eeruuqn warreen dirqama fudhatanii miseensummaa Waraana Bilisummaa Oromoo guutuun ba’an kun naamusa cimaan saba isaanii of cinaa hiriirsuun diina irratti akka xiyyeeffatan dubbataniiru.
Qondatotni Bilxiginnaa Biraanuu Juulaa fi Dirribaa Mokonnin WBO funaanaa jirraa fi baatii lamaa fi sadii gidduutti balleessina jedhanis WBO’n miseensota haarawaa eebbisiisuu itti fufee jira.





















