• Wed. Jan 7th, 2026

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa keessatti loltoonni maafiyaa PP jiraattota hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufan

Oct 30, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2024 

Umurii bara aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu barcuma siyaasaa qabuuf jecha uummata Oromoo garbummaa jalatti cafaqee bulchuu kan barbaadu mootummaan abbaa irree Abiy Ahimediin durfamu bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti loltoota isaa maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaasee hawaasa nagaa hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi yakkoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan ergamtoonni sirnichaa Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti jiraattota hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Ammayyaa ganda Arroojjii jedhamu keessaa torban darbe loltoonni sirnichaa yakka tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Zannabuu Fayyeeraa,
  2. Umaroo Asaffaa haadha ishee aadde Askaalaa waliin,
  3. Tsaggaayee Mitikkuu mucaa isaa 
  4. Boontuu Tsaggaayee dabalatee miseensota maatii kan biroo 3 waliin qabanii aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni dubbisne  Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu saamichaan ammoo ganduma kana irraa yerooma walfakkaataatti ergamtoonni saamichaan of jireessan namoota maqaan isaanii:

  1. Shissaa Balaayinee jalaa loon 5,
  2. Fayyeeraa Dheeressaa jalaa qotiyyoo 1 akkasumas,
  3. Alamuu Bulloo jalaa loon dallaa guutuu saamanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa bilisa kan ta’anii fi waraanni bilxiginnaa ammoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkee  gochoota kana irratti raawwachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading