• Tue. Jan 13th, 2026

Dargaggoon Oromoo barataa Yunivarsiitii ta’e tokko handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessaa poolisoota PP’n ukkaamfamuun gara godina Walloo magaalaa Kamiseetti dabarfame

Oct 31, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Murni Bilxiginnaa dargaggoota Oromoo kallattii tokkoon bututtuu impaayera Itiyoophiyaa akka tiksaniif dirqii fi goyyomsaan qabee dirree waraanaatti naquun lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisee lubbuu isaanii yoo obbaasu, gama biraan ammoo dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun adamsanii ajjeesuu, barnootaa fi hojii idilee isaanii irraa qabuun ukkaamsanii dhabamsiisuu itti fufaniiru.

Onkoloolessa 22, 2024 waaree booda handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessaa dargaggoon Oromoo dhalataa godina Walloo barataa Yunivarsiitii ta’e kan maqaan isaa Mahaammad Jamaal jedhamu poolisoota sirnichaa sabaan Amaara ta’aniin ukkaamfamuun ibsameera.

Akka namoonni tokko tokko jedhanitti, dargaggoo Mahaammad Jamaal dhalataa Walloo yoo ta’u, godina Walloo irraa barnootaaf gara handhuura Oromiyaa Finfinnee deemuun magaalaa Finfinnee keessa jiraachaa Yunivarsiitii barachaa akka ture dubbachuun, poolisoonni sirnichaa sabaan Amaaraa ta’an kun dargaggoo kana irra deddeebiin qoratanii dhalataa Walloo ta’uu gaafa baran qabanii ukkaamsuun, konkolaataa keessa buusanii godina Wallootti dabarsuun magaalaa Kamiseetti hidhanii jiraachuu ifoomsaniiru.

Barataa Finfinnee irraa qabamee Kamiseetti dabre kana kaleessa magaalaa Kamisee iddoo namoonni  walitti qabamanitti harkaa fi miilla isaa sibiilaan hidhuun lafarra ciibsanii uleedhaan cafaqaa turuun barameera.

Hidhattootni murna bilxiginnaa sabaan Amaara ta’an yeroo hedduu irra deddeebiin jibbiinsa Oromummaaf qaban irraan kan ka’e qareeyyii ilmaan Oromoo adamsanii akka waan badii dalaganiitti ilaaluun hiisisuu fi reebuun dhiibbaa adda addaa irraan ga’aa jiraachuun isaanii ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading