• Thu. Apr 30th, 2026

Bosniyaatti daa’imni umrii kurnanii keessa jiru poolisii waraanee ajjeesee, kan biraa madeesse

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Daa’imni ganna 14 Kamisa galgala buufata poolisii Bosniyaa cabsee seenee qondaala tokko waraanee ajjeesuun kan biraa madeesse jedha poolisiin biyyichaa.

Haleellaan kun kan raawwatame magaalaa guddoo Saaraajevoo irraa gara kaaba dhihaatti kiiloo meetira 300 fagaattee kan argamtu Bosansika Kirupa keessatti ta’uu ministeerri biyya keessaa federeeshinii Bosniyaak-Kiroot, qaamolee lamaan biyyattii ijaaran keessaa tokko Raamoo Isaak himaniiru.

”Qondaalli tokko du’ee, inni kaan ammoo madaa’eera,” jedhan.

Qondaalli madaa’e kun miidhaan lubbuu isaa balaa irra buusuun hospitaala akka seene dubbi himaan poolisii Adnaan Beganovich broodkaastara biyyaalessaa BHRTtti himaniiru.

Haleellaan kun bara 2009 kan dhalate yoo ta’u, to’annoo jala ooluu kan ibsan qondaalli kun, abbootiin alangaa qorannoo eegaluu isaanii himaniiru.

Kaka’umsi haleellaa kanaa battalumatti hin beekamne.

”Kun baayyee nama gaddisiisa. Wanti nu ajaa’ibe daa’ima umriin isaa waggaa 14 ta’ee fi waajjira poolisii keessatti qondaaltota haleeluu ija jabaate kan ilaallatu ta’uu isaati. Hawaasa keenyaaf bilbila dammaqinaati,” jedhan hogganaan poolisii naannichaa Adnaan Habibijaa.

Kantiibaan magaalaa xiqqoo jiraattota 11,000 qabdu Armin Halitovich, haleellaan kun dambalii rifachiisaa akka erge ibsuun, itti dabaluudhaan: “Nuti magaalaa nagaa fi wal danda’uudha” jette.

Haleellaa kanaan booda tarkaanfiin nageenyaa cimee akka jiru poolisiin beeksiseera.

Bara darbe ji’a Waxaabajjii keessa  daa’imni ganna 13 mana barumsaa kaaba baha Bosniyaa keessatti barsiisaa tokko qawwee dhukaasuun madeessera jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading