ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024
Akka firaa fi akkaataa walitti dhufeenyaan caasaan Bilxiginnaa ijaarame, heeraa fi seerota impaayerattiitti baafataniin ala deemuun hawaasa nagaa hirmaannaa dhaaba kamiiyyuu irraa bilisa ta’uun jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan irratti sarbamiinsi mirgoota namoomaa garee faashistii kanaan irratti taasifamaa jiru kan duraa caalmaatti jabaachuu jiraattonni dubbatu.
Onkoloolessa 23, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaatti namoota maqaan isaanii; Abdii Hasanii fi Abdii Aliishoo jedhaman waraanni garboomfataan PP yakka tokko malee bakka hojii isaaniitti itti deemuun reebicha ulfaataa qaama isaanii irratti taasisuun ibsameera.
Namoonni reebaman kunneen miidhaa isaan irratti taasifame irraa dandamachuu dadhabuun yeroo ammaa mana yaalaatti wal’aanamaa jiraachuun ifoomeera.
Akkuma godina Buunnoo Beddelleetti hawaasni gamtokkoon maqaa eegumsa naannoof gochuu qabdu jedhuun jaarrolee hedduun dirqiin maatii irraa ukkaamfamanii leenjii milishummaa fi waraanaatti hirmaachaa kan jiran ogguu ta’u, kanneen manatti hafan ammoo maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun sarbamiinsi mirgoota namoomaa irratti raawwatamaa jirus jiraattota abdii kutachiisee jiraachuus dabaluun dubbatu.

