• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggoo fi Mi’eessoo keessatti saamichii fi ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatame

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa golee Oromiyaa hundatti bobbaasee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa ajjeesuu fi  hidhaatti guuruun dararuu fi maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun saamicha jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddoota adda addaa irraa torban darbee kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaa “bishaan dhugaatii isiniif galchina” jedhuun nama tokko irraa qarshii 5,000-7,000 gaafataa jiraachuu fi uummanni immoo waan fidee kaffalu dhabuun rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuu jiraattonni dubbisne ONM’tti himan.

Kana malees, aradduma kana keessaa maqaa kaffaltii gosa biroo itti bocachuun namni tokko waltajjii ofii yaaman irraa hafnaan qarshii 200-300 adabuun bu’aa dhuunfaa isaaniif godhataa jiraachuu namni kana dura adabamee ture kan akka maqaan isaa ka’u hin barbaanne tokko himee jira.

Ergamtoota sirnichaan yeroo yerootti hawaasni aanichaa maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii gaafatamaa jiraachuu fi gibirri humnaan olii itti fe’amuun jiraattonni rakkoo hamaa keessa jiraachuu  itti dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo Araddaa Faayoo Timtuu jedhamu keessatti ammoo nama maqaan isaa Hasan Mohaammad Bulee jedhamu qabanii waajjira poolisii aanaa Mi’eessoo keessatti hidhanii dararaa erga turaniin booda Onkoloolessa 21, 2024 halkan mana hidhaa irraa baasuun nama tokko kan maqaan isaa hin beekamne  bakka Dhagaa Daakuraa jedhamtu irraa baasuun iddoo Gaara Daalachaa jedhamutti ajjeesanii erga gatanii booda akka namoonni fuudhanii hin awwaalle dhorkuun bakkeetti dhiisanii bineensa nyaachisuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees aanichuma araddaa Goriiboo Jaatuu keessatti Onkoloolessa 20, 2024 dubartii tokko kan bakkaa fi maqaan ishee hin beekamne halkan ajjeesanii gatuun reeffa ishees bineensa akka nyaachisan jiraattoonni Onichaa dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading