• Sun. Mar 15th, 2026

WBO’n Zoonii Lixaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti waraana faashistii PP adabe

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Irree fi  gaachanni uummata Oromoo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii LIxaa godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Maadaraa jedhamutti Onkoloolessa 25, 2024 waraana faashistii PP gandicha keessa maadheffattee maqaa sakattaan  bobbaate haxxee itti hidhuun tarkaanfii laalessaa irratti fudhateen du’aa fi madoon adabee ofirra ishee deebisuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Dabalataan, Onkoloolessa 24, 2024 ganduma kana keessatti waraana faashistii PP fi finxaaleeyyii Amaaraa walta’uun uummata Oromoo dararuuf bobbaate irratti WBO’n tarkaanfii guggubduu fudhateen du’aa fi madoon adabee bakka isheen dhuftetti ofirra deebisuun injifannoo cululuqaan goolabee jira.

Jajjabeen WBO  bakka cufattu tarkaanfii laalessaa diina hundeen buqqisuu fudhachuun hawwii fi bolola qondaaltoota Bilxiginnaa fi leellistoota impaayera Itiyoophiyaa fashaleessaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading