• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti waraanni Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu jabeessanii jiraachuun ibsame

Nov 2, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa hawaasni hin beekne itti dhahuun saamicha ulfaataa ta’e irratti geggeessanii ittiin of jiraachisaa jiru.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti waraanni faashistii bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu jabeessanii jiraachuun ibsameera.

Gandoota aanichaa hunda keessaa maqaa “gamoo waajjira galii ijaarra” jedhuun hawaasa aanichaa hunda irraa qarshii dhibba sadi sadii humnaan saamaa jiraachuu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM’f himan.

Kana malees, kan milishaa qarshii 200 walitti guurrataa kan jiran biratti, qarshii miseensa dhaabaa” maqaa jedhuun immoo qarshii 51 hawaasa gandichaa hunda irraa walitti qabatanii, faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Aanichatti saamichi qabeenyaa seera hin qabne  uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, inni yeroo ammaa immoo kan duraan barameen ol ta’uun hawaasicha yaaddessee jiraachuun himamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading