• Sun. Mar 15th, 2026

Iraan ‘ haleellaa Israa’eliif deebii kennuuf’ dogoggoruu  hin qabdu jette Ameerikaan 

Nov 2, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Ministirri Ittisaa U.S. Li’oyd Oostiin akka jedhanitti, Sanbata kaleessaa gita isaanii Israa’el Yo’aav Gaallant waliin haleellaa Israa’el halkan tokkotti galma waraanaa Iraan irratti raawwatte irratti mari’achuu isaanii dubbataniiru.

“Ameerikaan humnoota fi dhaabbilee U.S. guutuu naannichaa ittisuuf haala gaarii akka qabdu cimsee ibsuun, Iraan haleellaa Israa’el irratti deebii kennuuf dogoggora akka hin raawwanne ifa godheera. Haleellaan Israa’el kunis xumura jijjiirraa kanaa ta’uu qaba,” jechuun Oostiin X irratti barreesse.

Bilbilli kun kan raawwatame haleellaa xiyyaaraa Israa’el Onkoloolessa 1 haleellaa misaa’ela balistikii guddaa Iraan Israa’el irratti raawwatteef deebii kennuudhaan loltoonni Iraan afur bakka buufata waraanaatti ajjeefamuun erga  himameen booda.

Oostiin akka jedhanitti, Ameerikaan nageenya Israa’el fi deeggarsa mirga Israa’el ofirraa ittisuuf qabduuf “waada” qabdu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

“Akkasumas carraawwan dippilomaasii fayyadamuun waldhabdee naannicha keessatti mul’atu hir’isuuf jiran cimsee dubbateera. Gaazaa keessatti waliigaltee booji’amtootaa gadhiisuu, dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee lammiileen nagaa gama lamaan daangaa Israa’elii fi Libaanos nagaan gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an hayyamu dabalateeti” jechuun ibsaniiru .

U.S. kanaan dura haleellaan Israa’el waljijjiirraa kallattiin Israa’elii fi Iraan gidduutti taasifamu dabalataa dhaabuu akka qabu cimsitee turte. Qondaalli ittisaa Ameerikaa tokko, haleellaa kana keessatti ”hirmaannaan U.S. akka hin jirre” yoo agarsiisan, Iraan yoo haaloo bahuu filatte ”deebii” akka qabdu akeekkachiiseera.

Qondaaltonni waraanaa Iraan kanaan dura haleellaan Israa’el irraa dhufu kamiyyuu ”deebii cimaa” akka argatu akeekkachiisaniiru turuu gabaasaan Baha Gidddu Galeessaa keessaa ba’u ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading