ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun namummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiru.
Aanaa Dharraa ganda Jirruu Daadaa bakka addaa Daadaa jedhamu irraa Onkoloolessa 17, 2024 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman namoota maqaan isaanii:
- Habtaamuu Taayyee jalaa horii 16,
- Asheetuu Taayyee jalaa 13,
- Shibbirree Gaarii 6,
- Nuuraa Habtaamuu 9,
- Gazzaanyi Kabbaboo 4,
- Dajanuu Kabbaboo 3,
- Muluu Kabbaboo 6,
- Tolaa Girmaa 7,
- Birruu Fayyee jalaa horii 70 fi xaafii kuntaala 9,
- Balaachoo Hasanuu 11,
- Onee Balaachoo jalaa horii 7 walumaagalatti akka naannichaatti horiin baay’inaan 140 ta’an ilmaan Oromoo jalaa saamamuun, manneen 406 ol ta’an immoo gubatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Finxaaleeyyiiin gara laafina tokko illee ilmaan namootaaf hin qabne kun gochoota suukkaneessoo ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun, nama Obbo Solomoon Alamuu jedhamu haala suukkaneessaa ta’een ajjeesuun ilma isaa kan ta’e Galataa Solomoon abbaa ilma 1 kan ta’e ammoo harka isaa duubatti hidhuun hallayyaa gadi fagootti gatanii ajjeesuun eeramee jira.
Kana malees, gara jabummaa ilmaan Oromoof qaban itti fufuun nama maqaan isaa Obbo Kamaal Huseen jedhamu garmalee reebuun magaalaa Sararkullaa jedhamutti ajjeesanii gatuun himamee jira.
Akkasumas, jaarsa waggaa 70 kan ta’an finxaaleeyyii kana jalaa fiiganii ba’uu kan hin dandeenye nama maqaan isaanii Obbo Dajanuu Asaffaa jedhaman rasaasa 3’n dha’anii madeessuun yeroo ammaa kana yaala tokkollee dhabuun qaamni isaa tortoraa jiraachuu namoonni ijaan argan dubbataniiru.
Dabalataanis, dubartii maqaan ishee Aadde Abarraash Geetaayee jedhamtu daa’ima ji’a tokkoo jalaa butuun achi buutee ishee dhabamsiisanii jiraachuu jiraattonni ONM dubbise eeranii jiru.
Gara jabinni finxaaleeyyii Amaaraa daran cimuun midhaanii fi bukoo ilmaan Oromoo gandichaatti qoricha naquun nyaata illee boqqolloo affeelanii nyaataa kan jiranii fi dhukkuba busaan birmannaa dhabanii rakkachaa jiraachuun barameera.

