• Tue. Jan 13th, 2026

Afrikaan Kibbaa Israa’el Gaazaatti duguuggaa sanyii raawwachaa akka jirtu ragaa haaraa mana murtii UNtti galfatte

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024 

Afrikaan Kibbaa Wiixata kaleessaa Israa’el naannoo Falasxiin marfame Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwachaa jirti jechuun himannaa ishee cimsuuf ragaa haaraa mana murtii olaanaa UNtti galfatte. 

Yaadannoon kun akkuma afaan seeraatiin beekamutti, Israa’el “Flasxiinota Gaazaa keessa jiraatan balleessuuf, meeshaa diigumsaa adda addaatiin qaamaan ajjeesuudhaan, gargaarsa namoomaa akka hin arganne dhorkuudhaan waliigaltee duguuggaa sanyii cabsitee” jiraachuu ragaa haaraa of harkaa qabnaa jedhan preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa.

Ragaan akka agarsiisutti gochi Israa’el kun qaama Falasxiinota balleessuuf akkasumas tarkaanfiiwwan yeroo hedduu kanaan dura Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatiin ajajaman “tuffachuu fi mormuu” irratti kan xiyyeeffate ta’uu agarsiisa.

Israa’el “beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jirti, akkasumas kaayyoo Israa’el du’a jumlaa fi dirqiin lammiilee Falasxiinota qe’ee isaanii irraa buqqisuudhaan Gaazaa ummata irraa hir’isuuf qabdu daran guddisuuf,” jechuun ragaa barreeffama fuula 750 ol keessatti bal’inaan ibsame, agarsiisaa fi dabalata ol’aanaatiin deggarame eeruun  fuula 4,000 qaba.

Ramaafoosaan akka jedhanitti, galmeen ragaalee kun kan raawwatamu akkuma Israa’el ajjeechaa namoota nagaa Gaazaa keessatti raawwatamu cimsitee fi “amma Libaanos keessatti daandii badiisaa walfakkaatu hordofuuf waan yaadde fakkaata.”

“Ragaaleen kun gocha duguuggaa sanyii Israa’el irratti hundaa’uun kaayyoo addaa duguuggaa sanyii raawwachuuf qabdu ta’uu isaa ni agarsiisu, Israa’el duguuggaa sanyii kakaasuu ittisuu dadhabuu ishee, ofii ishee duguuggaa sanyii ittisuu fi warra gocha duguuggaa sanyii kakaasuu fi raawwatan adabuu dhabuu isheeti,” jedhan Raamaafoosaan jechuun CNN gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading