• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baha Wallaggaa keessatti ajjeechaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti garee Faannoo fi Bilxiginnaan raawwatu itti fufe

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024 

Gareen  garboomfataa PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan waadaa kan jiru jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, haala suukkaneessaa ta’een ajjeesaa, manneen irratti gubaa, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa jiraachuun ibsamee jira.

Aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu jedhamu irraa Onkoloolessa 20, 2024 waraanni bilxiginnaa barataa maqaan isaa Magarsaa Taammiruu jedhamu bakka addaa Aabboo jedhamutti “Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa kennita” maqaa jedhuun rasaasa shan laphee isaa irratti roobsuun badii tokko malee haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni himanitti, barataa Magarsaan kan dhalate aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Diimaa Jokkee jedhamutti yoo ta’u, fira isaa dubbisuuf gara aanaa Horroo Bulluq kan deemee fi badii tokko malee waraana sirnichaan ajjeeffamuu akkasumas, aanicha keessatti rakkoowwan ulfaatoo ta’an hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa jiraachuu himu.

Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaattis Goojjamoota onicha keessa mootummoota abbaa irreen qubatan waliin hiriiruun duula duguuggaa sanyii fi saamicha qabeenya uummata Oromoo irratti taasisuu cimsanii itti fufaniiru. 

Ganda Abbayyii Daallee keessaa waraanni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon maqaa eegumsa saba Amaaraa jedhuun shiftoota abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin hidhachiifaman saamicha qonnaan bultoota Oromoo irratti jabeessuun qonnaan bultoonni Oromoo yeroo yeroon ajjeechaa fi saamicha irratti adeemaa jiruun qe’ee gadi dhiisanii godaanaa akka jiran ifoomeera. 

Akka wanta dhibdeen finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo fi Bilxiginnaa gidduu jiruutti kaadiroonni PP Onkoloolessa 26, 2024 sagantaa waa’ee araara kaabinoota PP fi hidhattoota Goojjamee ganda Abbayyii Daallee keessa sochii taasisanii waliin sagantaa araaraa wal waamuun burjaajii uumaa akka turanis jiraattonni himaniiru.

Yeroo itti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii kan sabaan Amaaraa ta’an guyyaadhaa gara guyyaatti mooraa Zangii keessaa hidhannoo fi meeshaa fudhatani  Faannoo ganda sana keessa sochootutti makamaa jiranitti goyyomsaa uumuuf yaalii kan taasisan kaabinoota PP jiraachuu saba Oromoo hin feene akka ta’es jiraattonni dubbatu.

Kana malees lukkeeleen PP fi Kaabinootni ganda ijaaruuf gandootatti sochii taasisanii jiraniin, gantoota, waraanaa fi milishoonni sirnichaa qeerroo, qarree fi sabboontota baadiyyaa keessaa ajjeesnee fixna ejjennoo jedhu qabatanii baadiyyaatti bobbaa’anii jiran dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuu cimsanii jiraachuu odeessi aanicha irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading