ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Dinagdee fi beekumsaan guddachuun uummata Oromoo akka ibiddaatti kan isaan gubu ergamtoonni bilxiginnaa, yeroo adda addaatti dargaggoota Oromoo hojjetanii biyya misoomsuu fi barnootaan ofii fi biyya jijjiruu danda’an irratti xiyyeeffachuun adamsanii ukkaamsuun gara adda waraanaa fi hidhaatti guuraa jiru.
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Gumgummii jedhamu keessaa ergamtoonni PP dargaggoo maqaan isaa Alfakii Hasan jedhamuu fi kanneen biroo maqaan isaanii adda hin baane hedduu Onkoloolessa 23, 2024 badii tokko malee qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun fira isaa dubbisuuf hoggaa deemu “shakkamaadha” jechuun ergamtoonni PP qabanii waajjira poolisii aanaa Algeetti geessuun reebicha humnaa olii irraan gahaa jiraachuu dubbatu.


