ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Turtii bara aangoo koloneel Abiy Ahimed dheeressuuf akkasumas, dheebuu fi hawwii qawwee baachuu qabuuf jecha hawaasa nagaa hiraarsuu hojii idilee isaa kan taasifate waraanni bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa mara keessatti guyyaa guyyaan maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun bobba’uun uummata Oromoo hidhuu, ajjeesuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa irraa Onkoloolessa 26, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Adam Tafarraa,
- Abdallaa Dhufeeraa fi ilma isaa,
- Abdurqee Abdallaa kanneen jedhaman badii tokko malee hojii idilee isaanii irraa loltoota sirnichaan ukkaamfamuun hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun hidhanii hiraarsaa jiraachuu dubbatu.
