• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraa keessatti haleellaa Dirooniin mana dhuunfaa irratti raawwatameen lubbuu namootaa darbe

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024 

Oromiyaa keessatti uummanni Oromoo sirna mootummoota abbaa irree dhufaa darbaan qe’een isaa qe’ee ibiddi akka aduu saafaa keessaa laboobuu fi dhiigni namaa akka bishaanii dhangala’u akkasumas qabeenyi isaa mancaatiif saaxilamu ta’uu itti fufee jira.

Sirni maqaa Oromoo dha’achuun aangoo impaayerattii of harkaa qabus addatti uummata fayyaalessa kana balaaleffachuun waggoota aangootti dhufee kaasee qe’ee oodaa, nagaa, kabajaa fi jaalala qabu waraana humnaa olii keessa bobbaasuun guyyuu qe’ee boo’ichaa fi mancaatii erga taasisee waggoonni jahan darbanii jiru.

Onkoloolessa 28, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Dharraa ganda Baabuu Dirree jedhamu keessatti bifa haaraan baatii shanii asitti yeroo jalqabaa xiyyaara nama-maleeyyii (Drone) samii irraa qe’ee  namoota dhuunfaa irratti darbateen lubbuun namaa darbuun beekamee jira.

  1. Girmaa Abeebe 
  2. Aallee Girmaa fi 
  3. Daamxoo Amaaree namoonni jedhaman haala suukkanneessaan haleellaa diroonni sirnichaan mana keessatti ajjeeffamaniiru.

Akkasumas manneen qonnaan bultoota sadii (3) mi’a mana keessaa dabalatee gubachuun yoo barbadaa’u, loon qonnaan bultoota manni isaanii gubatee shan (5) ajjeefamaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading