ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Erga waggoottan ja’an darbanii kaasee aangoo impaayerattiitti dhufee diraamaa adda addaa fi hojiilee fakkeessii uummata Oromoo biratti fudhatama hin qabne garaa garaa raawwachuun kan beekamu murni garboomfataan PP, yeroo ammaas gochoota fakkeessii isaanii kana itti fufuun, hawaasa nagaa qabanii WBO boojine jechuun qaanii tokko malee yeroo dubbatanii fi maqaa sanaanis miidhaa adda addaa geggeessantu argama.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti Onkoloolessa 24, 2024 milishoonni fi waraanni faashistii Abiy Ahimed waliin ta’uun maqaa sakattaa WBO jedhuun ganda Jirgoo jedhamutti bobba’uun namoota nagaa 5 ooyiruu isaanii keessaa qabuun WBO boojine jedhanii suuraa kaasanii ‘Waajjira Kominkeeshiinii’ isaaniin gabaasuun qonnaan bultoota kanneenitti qoosaa akka jiran maddeenii fi jiraattotni onichaa dubbatan.
Qonnaan bultootni hidhattoota sirnichaan ooyiruu isaanii keessaa qabamuun WBO boojine ittiin jedhamaa jiran kunneenis maqaan isaanii:
Amadee Mahaammad Adamee,
- Aliyyii Boruu,
- Ahimed Umaruu,
- Aliyyii Ahimed Haajii fi
- Ahimed Mahaammad Haajii namoota jedhaman ta’uu jiraattotni himuun, hidhattootni murna Bilxiginnaa kunis namoota kanneen ooyiruu isaanii keessaa qabuun WBO boojine jedhanii miidiyaalee isaaniin gabaasaa turuu fi boodarra ammoo hidhaa irraa baasuuf maallaqa humnaa olii gaafachaa jiraachuutu dubbatama.
Uummanni onichaa ammoo sobaa fi tooftaa saamichaa dabballootaa fi ergamtoota PP’n bocame kana irratti dammaquun walitti yaa’anii lukkeelee Bilxiginnaa kanaan qonnaan bultootni isin ooyiruu keessaa qabdanii WBO boojine ittiin jechaa jirtan eessa isaaniitu WBO fakkaata? jechuun yeroo gaafatanitti lukkeeleen PP kun qaana’uun keessa deebi’anii isaan deggartoota WBO’ti kanaaf, qarshii miliyoona tokko yoo kaffalan malee gadi hin lakkifnu ittiin jechuu fi namoonni kunneenis maallaqa jedhameen kana kaffaluu dadhabuun hidhaan hiraarfamaa akka jiran barameera.
Hidhattootni sirnichaa kun guyyuma kana Onkoloolessa 24, 2024 aanichuma ganda Arja’oo keessaa jiraattota qe’ee irraa biqqisuun balbala manneen namootaa caccabsanii ol itti seenuun qabeenyaa jiraattotaa hedduu saamanii deemuu maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru.
