• Wed. Mar 18th, 2026

PP’n Kibba Baha Oromiyaa keessatti humna waraanaa sobaa ijaartee uummata ittiin dararaa turte gaafa irratti baramu WBO’tu gale jechuun holola sobaa facaasuun beekame

Nov 3, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024 

Gocha farrummaa fi seenaa gurracha murni PP uummata Oromoo irratti dalagee fi dalagaa jiru godaannisa jabaa yoomuu uummata Oromoo keessaa hin baane yoo ta’u, maallaqa maqaa gibiraa fi wantoota adda addaa maqaa dha’achuun uummata irraa afaan qawween funaananiin deebisanii isaanuma keessaa maallaqa xinnoon gartuu hundeessanii yakka  namoomaa irratti rawwachiisaa jira.

Wareegama barbaachisu ofitti fudhatee dhugaa sabaaf falmaa geggeessaa kan jiru gara-kuteessi sabaa WBO’n iddoo kamittuu roorroo bifa kamiinuu uummata Oromoo irratti deemaa jiru dura dhaabbachuun goolessitoota sirnichaa mogolee buusaa kan jiru ta’uun kan beekamu yoo ta’u, gareen sobaan ijaarame maqaa qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf duubatti hin jedhu.

Sirnichis aantummaa WBO’n uummata Oromoof qabu, akkasumas uummanni Oromoo WBO’f qabu waan hubateef karaalee ittiin uummanni WBO jibbu karoora yeroo dheeraa baafachuun dinagdee fi miidiyaa harkaa qabaniin hololaa fi gochaan raawwachuu kan eegalan bubbulanii jiru.

Karoorri fi diraamaan isaanii kunis namoota maallaqaan hundeessuun WBO fakkeessanii rifeensa nam-tolchee (Wigi) itti hojjechiisuun halkan halkan naannoo WBO’n keessa socho’u keessatti ajjeechaa, gubaatii manneen namootaa, jiraatti nama butanii maallaqa humnaa olii nuti WBO’dha jechuun gaafachuun akka uummanni Oromoo WBO jibbuuf raawwachiisaa jiru.

Akkuma gadi galoo fi yartuu lammii keessaa hin dhaban jedhan sana murni dantaa xinnoon goyyomfamee saba isaa miidhuu irratti bobba’e kun godina Arsii Bahaa aanaalee akka:     

  • Zuwaay Dugdaa, 
  • Xiyyoo,
  • Gunaa,
  • Siree,
  • Muneessaa,
  • Sirkaa,
  • Roobee Dida’aa fi 
  • Doddotaa keessatti gareen murna bilxiginnaan leenjifamee WBO fakkaachuun uummata Oromoo goolaa turee fi ammas itti jiru Bilxiginnaan kan bobbaafame yoo ta’u, gariin immoo WBO’tu gale jechuun namootuma isaanii magaalaatti waamanii faayidaa siyaasaaf karaalee miidiyaa of harkaa qabaniin holola facaasuu irratti argamu.

Namoota kanneen leenjisanii gochoota farrummaa hawaasa nagaa irratti raawwachiisan kana irratti baramuun  gaafa WBO’n bakkeewwan hedduutti adamsee tarkaanfii irratti fudhatutti ammoo WBO’tu gale jechuun karaa miidiyaa fi dabballee isaanii holola facaasuun uummata burjaajessuuf yaalaa kan turanii fi jiran ta’uun tibbana soba dhugaa fakkeessanii yeroo facaasan argaa turre.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading