• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti waraana faashistii PP adabe

Nov 3, 2024

ONM-ABO Sadaasa 1, 2024

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP Finfinnee naannoftee Abiy Ahimed fi sirna maraatummaa isaa Bilxiginnaa eeguuf maadheffattee jirtu Zoonii Giddu Galeessaa bakkoota adda addaa keessatti tarkaanfii laalessaa irratti fudhatu jabeessee jira.

Haaluma kanaan jajjabeen WBO guyyaa har’aa Sadaasa 1 ganamaan Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa gandoota lama Dheebisaa Hangaasaa fi Oolankomiitti tarkaanfii guggubduu mooraa ergamtoota impaayera Itoophiyaa irratti fudhatee jira.

Yeroo gabaasni kun qindaa’etti qeeransichi Giddu Galeessaa mooraa Dheebisaa Hangaasaa keessaa gugsee yoo baasu, mooraa Oolankomii keessatti ammoo reebaa jira.

Gabaasa guutuun walitti deebina

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading