ONM-ABO Saddasa 1, 2024
Daa’ima dabalatee lammiileen Falasxiin lama Kamisa barii haleellaa diroonii Israa’el mooraa baqattootaa Nur Shams magaalaa Tulkarem, West Baankii kaabaan qabamte keessatti raawwateen ajjeefamaniiru.
Ministeerri Fayyaa ibsa baaseen ”sababii haleellaa xiyyaaraa Israa’el mooraa baqattoota Nuur Shams Tulkarem keessatti raawwatteen wareegamtoonni lama” argamaniiru jedheera.
Gama biraatiin ammoo dhaabbati oduu seeraa Falasxiin Wafa’n akka jedhetti waraanni Israa’el Tulkarem fi mooraa baqattoota ishee Nur Shams weeraruu himan.
Buldoozaroonni Israa’el bu’uuraalee misoomaa fi qabeenya ummataa mooraa keessa jiran barbadeessuu eegalaniiru jechuun dabalee ibseera. Ejensiin Falasxiin kun yeroo dirooniin mooraa kanarra balali’aa jiranitti walitti bu’iinsa hamaa fi sagalee dho’iinsa mooraa keessatti dhaga’amuu gabaaseera.
Haleellaa gara jabinaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen walqabatee, gareen Falasxiin Hamaas Onkoloolessa darbe daangaa qaxxaamuree weerara raawwateen booda geggeeffamaa jiruun namoota 43,100 ol kan ajjeese yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman irratti raawwachuu gabaasaaleen Baha Giddu Galeessaa ni addeessu.


