ONM-ABO Sadaasa 3, 2024
Murni impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru koloneel Abiy Ahimed kufaatii isa mudachaa jiruuf waan qabuu fi gadi dhiisu wallaaluun mootummoota naannoleetti dirqama kennuun saboota amantaa fi kutaan walitti akka isaan buusan hojjachiisaa kan jiru Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti amantiidhaan walitti buusuuf yaalii hedduu gochaa jira.
Haaluma kanaan godina Arsii Bahaa aanota hunda keessatti Sheekota mana amantaa irraa waamuun isin’tu WBO nyaachisee obaasaa jira, quba qabdu waan ta’eef galchaa jechuun dirqama itti kennuun beekamee jira.
Namoota amantaa kiristanaan immoo mana amantaa kiristaanaa irraa iddoo tokkotti waamuun isin of eegadhaa warri amantaa Islaamaa waraana ofii isaanii WBO qabu jechuun Oromoo amantaan gargar qooduuf yeroo isaan waamanitti abbootiin amantaa kunneen lakki nuti Oromoon tokko WBO’n amantaadhaaf miti kan inni mana baheef, hojii isaanii irraa kana nuti hin arginee fi rakkoo siyaasaa waliin qabdan achumatti fixadhaa jechuun qaaneessanii jiru.
Akkuma ilmi Islaamaa WBO keessa jiru kan kiristaanaas ta’e kan biraa achi keessa jiru, dhiisaa nu hin goyyomsinaa jechuun dirqama isaan itti kennanis nu hin ilaallatu deebii jedhuun xumuranii jiraachuu maddeen ibsaniiru.
Sheekota wal-gahii sana hirmaatan keessaa yaada bifa barreeffamaan nuuf ergan akka agarsiisutti qofa qofaatti waamnee isin dubbisna jechuun wal shakkisiisuuf karoorfachuu himuun, abbootiin amantii keenya dhimma amantiin ala siyaasa paartii tokko leellisuu fi tumsuu irraa akka of eeggatan dhaameera.



