• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Gubbaa Qorichaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi dararuu itti fufan

Nov 4, 2024

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Murni garboomfataan impaayerattii hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan  afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa irraan geessisaa jira.

Aanaa Gubbaa Qorichaa araddaa 20 jedhamu keessaa lukkeeleen ajaja faashistii Abiy Ahimediin kutaalee Oromiyaa cufa keessatti bobbaafaman dararaa isaanii ittuma fufuun, Onkoloolessa 27, 2024  “qarshii mootummaaf kaffaluu diddan” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Abdii Mahaammadoo,
  2. Ziyaad Ussoo,
  3. Mahaammadoo Bilbillee,
  4. Seefii Ahimed,
  5. Huseen Bashir kanneen jedhamanii fi  namoota maqaa isaanii nu hin geenye  13 ta’an osoo isaan kaffalanii jiranii  qarshii irra deebiin  irraa fudhachuuf qabanii  mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, gibira humnaa ol isaanitti murame malee maqaa gosa kaffaltiin isaa hin beekamne biraan qarshii 5,000 kaffaluu isaanii himuun, aanicha keessatti rakkoowwan ulfaatoo ta’an lukkeelee bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee kan jiruu fi loltootni Bilxiginnaa saamichaaf bobba’anii jiraachuu ibsu.        .

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading