ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Kaaba Shaggar Aanaa Wucaalee ganda Boolee Bachoo bakka addaa Koyiittii jedhamtutti waraana maafi’aa PP Isuzu 1 fi paatiroolii 1’n fiigdu irratti akkasumas Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaatti mooraa ganda lamaa keessatti tarkaanfii boonsaa fudhatee jira
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuu Zoonii Giddu Galeessaa keessatti jabeessee jira
Haaluma kanaan kaleessa ganama Sadaasa 1, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Wucaalee ganda Boolee Bachoo bakka addaa Koyiittii jedhamtutti waraana maafi’aa PP Isuzu 1 fi paatiroolii 1’n fiigdu irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessee boombii itti dhoosuun daaraa taasisuun, konkolaattota lamaanuu gubee barbadeesseera.
Jajjabeen WBO Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii fudhachuu itti fufuun guyyuma kaleessaa ganama haleellaa mooraa waraana garboomfataa Bilxiginnaa magaalaa Kaarraa irratti fudhateen loltoota ishee hedduu du’aa fi madoon adabuun gariinis booji’eera.
Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM, Bireenaa fi meeshaalee adda addaa dugda diinaa irraa hiikuun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasiseera.
Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP Finfinnee naannoftee Abiy Ahimed fi sirna maraatummaa isaa Bilxiginnaa eeguuf maadheffattee jirtu Zoonii Giddu Galeessaa bakkoota adda addaa keessatti tarkaanfii laalessaa irratti fudhatu jabeessuun bobaa Finfinnee jalatti diina adabee jira.
Haaluma kanaan jajjabeen WBO guyyaa kaleessaa Sadaasa 1, 2024 ganamaan Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa gandoota lama Dheebisaa Hangaasaa fi Oolankomiitti tarkaanfii guggubduu mooraa ergamtoota impaayera Itiyoophiyaa irratti fudhatee jira.
Yeroo gabaasni kun qindaa’etti qeeransichi Giddu Galeessaa mooraa Dheebisaa Hangaasaa keessaa gugsee yoo baasu, mooraa Oolankomii keessatti ammoo reebee ari’ee jira.
Qondaaltotni Bilxiginnaa baatii 2 fi 3 gidduutti WBO ni balleessina, humna lolu irra hin jiru jechuun sobaan dhaadatanis WBO’n irree gootummaa isaa itti agarsiisaa jira.
Dilbata darbes godinuma Kaaba Shaggar aanaalee 3 keessatti haleellaa irratti fudhateen loltoota 296 ajjeesuun 327 madeessee 100 harkaan qabuun Dishqaa 2 dabalatee meeshaalee hedduu irraa hiikuun ni yaadatama.





















