• Fri. Mar 13th, 2026

Kaaba Shaggar Aanaa Dharraatti uummanni meeshaalee waraanaa gurgguddaan haleelamaa jiraachuun himame

Nov 4, 2024

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Namni badii ga’e nama balleessa” akkuma jedhan murni garboomfataan PP teessumni aangoo isaa jalatti  raafame abdii kutannaa hamaa keessa seenuun akkuma dhaadannoo isaanii qurxummii balleessuuf galaana gogsuu qabna jedhan wayita ammaas uummata Oromoo kan dur barameen olitti lafarraa fixuuf duula duguuggaa sanyii geggeessaa jiraniin Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti hawaasni meeshaalee waraanaa gurguddaan haleelamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Sadaasa 1, 2024 murni garboomfataan PP aanaa Dharraa gandoota baadiyyaa kanneen akka: 

  • Tulluu Guddoo, 
  • Baabbuu Dirree, 
  • Raachoo Barreessaa, 
  • Harboo Dassoo fi 
  • Iluu Waayyuu keessatti meeshaalee waraanaa kanneen akka ZU-23, Moortara, Madfii fi kkf fayyadamuun uummata irratti dhukaasaa  turuun beekameera.

Haleellaa raawwatame kanaanis miidhaa guddaan lubbuu namaa fi qabeenyaa irra gahee jiraachuunis ibsameera.

Jiraattotni itti dabaluun akka himanitti, walta’iinsa murnoota Bilxiginnaa fi finxaaleeyyii Amaaraan duulli duguuggaa sanyii uummata Oromoo aanaa Dharraa irratti raawwatamaa jiru sadarkaa yaaddessaa irra gahee jiraachuu himuun, yeroo ammaas uummanni Dharraa birmannaa uummata Oromoo barbaada jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading